Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadiin Ityoophiyaan meedaaliyaa warqee dabalataa argatte

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamaa jiruun Ityoophiyaan meedaaliyaa warqee dabalataa argatteerti.

Atleet Ayyaal Daanyaachow meetira 800 daqiiqaa 2 fi seekoondii 02 fi maayikiroo seekoondii 96 1ffaa ba’uu meedaaliyaa warqee 2ffaa Ityoophiyaaf argamsiifteerti.

Fageenya meetira kuama 1 fi 500 dhiiroota gedduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Waganee Sabsibee 2ffaa, Atleet Malkeenahi Azzazaa 3ffaa ba’uun meedaaliyaa Meetii fi Naahaasii argachuu isaanii ragaan Federeeshinii Atleetiksiii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment