Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaan Ityoophiyaan meedaaliyaa Warqee jalqabaa argatte

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriiganitti gaggeeffamaa jiruun Atleet Lattasanbat Giday meetira kuma 10’n meedaaliyaa Warqee jalqabaa Ityoophiyaaf argamsiifteerti.

Atleet Lattasanbat fageenyicha daqiiqaa 30 fi seekoondii 9n xumuruun Ityoophiyaaf meedaaliyaa Warqee jalqabaa argamsiifteerti.

Atleet Ijjigaayyoo Taayyee sadarkaa 6ffaan yoo xumurtu, Atleet Bosiina Mulaatee sadarkaa 8ffaan xumurteerti.

Atleet Ijjigaayyoo Taayyee bu’aa argameef qooda olaanaa gumamaachuu dandeessirti.

Atleetoonni Keeniyaa sadakaa 2ffaa fi 3ffaan xumuruun meedaaliyaa Meetii fi Naahaasii biyya isaaniif argamsiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment