Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaan har’a dorgomiin xumuraa Meetira kuma 10 dubartoota gidduutti ni gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaan har’a dorgomiin xumuraa Meetira kuma10 dubartoota gidduutti halkan sa’aatii 4:20 irraa eegalee ni gaggeeffama.
Dorgimmichaan Atleetoonni Ityoophiyaa kan eeggaman yoo ta’uu, Atleet Bosinaa Mulaatee,Ijjigaayyoohu Taayyee fi Lattasanbat Giday Atleetoota Ityoophiyaa haalaan eegaman ta’uu ibsameera.
Gulaalliin gufachiinsaa meetira kuma 3 dubartoota gidduutti kan dorgomamu yoo ta’uu, Atleet Siimboo Alamaayyoohu, Maqdas Abbabaa fi Warqiwuhaa Geetaachoon Ityoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.
Dhiiroota gidduuttis gulaalliin meetira kuma 1 fi 500 halkan kana ni gaggeeffama.
Atleet Taaddasaa Lammii, Saamu’eel Tafarraa fi Saamu’eel Abaataan dorgomichaan ni eegamu.
Gulaalliin Walakkaa xumuraa meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti kan dorgomamu yoo ta’uu, Atleet Gudaaf Tsaggaayee fi Fireeweeyinii Hayiluun xumuraaf ni darbuun kan eegaman ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment