Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadiin har’a fiigichi xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 koorniyaa lamaaninuu ni gaggeeffama

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Peeruu magaalaa Liimaatti gaggeeffamaa jiruun har’a fiigichi xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 koorniyaa lamaaninuun ni gaggeeffama.

Fiigicha gufachiisa meetira kuma 3 dubartoota gidduutti halkan sa’aatii 7:37 eegalee gaggeeffamuun Atileet Siimboo Alamaayyoo fi Fireehiwat Gassasaan Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu jedhame.

Akkasumas fiigicha xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti halkan sa’aatii 8:17 irraa jalqabee dorgomamuun Atileet Yibalxaal Gaashaw fi Gabruu Abrahaan Itiyoophiyaa bakka bu’uun falmii cimaa gaggeessuun kan eegamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fiigichi gulaallii meetira kuma 3 dubartootaa fi fiigichi gulaallii meetira 800 koorniyaa lamaaniinuu halkan har’aa ni fiigama.

Comments (0)
Add Comment