Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Itiyoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumurte

Finfinnee, Hagayya 26, 2016 (FBC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Peeruu Magaalaa Liimaatti gaggeeffame Itiyoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumurteerti.

Dorgommii biyyoota addunyaa 134 hirmaachiseen Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 6, Meetii 2 fi Nahaasii 2 waliigala meedaaliyaa 10 argachuun Itiyoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa fi Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan qabachuun xumurteerti.

Ameerikaan meedaaliyaa Warqee 8, Meetii 4 fi Nahaasii 4 waliigala meedaaliyaa 16 argachuun olaantummaan yoo xumurtu,Chaayinaan Warqee 4, Meetii 4fi Nahaasii 3n sadarkaa 3ffaan xumurte.

Dorgommichaan biyyoota 34 qofatu tarree meedaaliyaa keessa gale.

Comments (0)
Add Comment