Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaarratti Ityoophiyaan sadarkaa 2ffaan xumurte

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Oroganitti gaggeeffamerratti Ityoophiyaan meedaaliyaawwan Warqee 4, Meetii 4 fi Nahaasaa 2 argaachuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaa qabachuun xumurteetti.

Waliigalaan meedaaliyaawwan 10 kan argatte Ityoophiyaan Afrikaarraa dursummaan, addunyaarraa irraa ammoo Ameerikaatti aanuun sadarkaa 2ffaarra kan jirtuudha.

Fiigicha Maaraatoonii dhiiraa fi dubaraan, akkasumas fiigicha meetira kuma 10 fi kuma 5’n meedaaliyaawwan Warqee 4 argachuun qabxii olaanaa galmeessiteetti.

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dubartootaa fi dhiiraan akkasuma maaraatoonii dhiiraa fi fiigichaa meetiraa kuma 1 fi 500 dubartootaan, meedaaliyaawwan Meetii 4 yoo argattu, fiigicha gufachiisaa dubartootaa kuma 3 fi fiigicha meetiraa kuma 5 dubartootaan meedaaliyaawwan Nahaasaa 2 argatteetti.

Kana hordofee dorgommii kanarratti Ameerikaatti aansuun sadarkaa 2ffaa fi Afrikaarraa dursaan xumurteetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment