Shaampiyansi Liigiin Awurooppaa har’a jalqaba

Finfinnee, Fulbaana 7, 2017 (FBC)- Taphni Shaampiyansi Liigii Awurooppaa 2024/25 har’a galgalarraa eegalee gaggeeffamuu jalqaba.

Taphichaarratti kilaboonni Awurooppaa 36 kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommii har’aatiin sa’atii 1:45 irraa eegalee Yaangi Booyis Astonviilaa waliin akkasumas Juuventus PSV Ayindihoovan waliin taphni ni morkatu.

Tapha bifa haaraan akka gaggeeffamuuf murtaa’ee kun eegdota olaanoo kubbaa miilaa Awurooppaan beekkamtii argatullee namoota hedduu biratti hinjaallatamne.

Sagantaa haaraa kanaan tokkoon tokkoo garee kubbaa miilaa taphoota 8 kan taasisan ta’uun ibsameera.

Dorgommichaan sadarkaa 1-8’n kan xumuran kallattiin tapha nuusa xumuraatti yoo darban, sadarkaa 9-24’n kan xumuran ammoo tapha dhaqaa-galaan gareen injifate nuusa xumuraaf darba jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment