Seerri daldalaa Ityoophiyaa fooyya’uu fi labsiin invastimantii haaraan raggasifameera” – Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Seerri daldalaa Ityoophiyaa fooyya’uu fi labsiin invastimantii haaraan raggaasifamuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen beeksisan.

Waltajjiin dhaabbilee daldalaa idil-addunyaa fi invastaroota hirmaachise “Invest Ethiopia 2023” har’a eegalameera.

Obbo Ahimad Shideen haasawaa waltajjicharratti taasisaniin ga’ee dameen dhuunfaa dinagdee Ityoophiyaa keessatti qabu guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.

Ityoophiyaatti abbootii qabeenyaa hojiilee invastimantiirratti hirmaachuu barbaadan haala mijataa uumuuf hojiin dhaabbilee misooma mootummaa gartokkeen gara dhuunfaatti jijjiiruu hojjetamaa akka jirus eeraniiru.

Ityoophiyaan karaa naannawaa Daldala Walabaa Ardii Afrikaatiin damee daldalaa saffisiisuuf buufata invastimantii giddugaleessaa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa buufataalee idil addunyaa hedduu kan qabdu yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa karaa Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaan oomishaalee isanii garaa gabaa biyyoota addunyaatti ergatan carraa mijataa ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment