Seerota ba’anii hanqina raawwii qaban sagal irratti qorannoon gaggeeffamuuf ta’uu eerame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Jijjiirama hordofee seerota sagal hanqinaalee raawwii qaban irratti qorannoo gaggeessuun yaada furmaataa kan dhiyeessu gareen hundaa’ee hojiitti seenuun eerame.

Biiroleen Haqaa naannolee, wixinee seeraa abukaatotaa, dhaabbilee waldaalee siivikii, labsii sirna bulchiinsaa fi bulchiinsa manneen amala sirressaa ilaalchisuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mar’ateera.

Waltajjicharratti De’eetaan Ministiraa Ministeera Haqaa Obbo Alamnee Agdawu Jijjiirama hordofee, seerota ba’an sagal kanneen hanqina raawwii qaban irratti qorannoo gaggeessuun yaada furmaataa kan dhiyeessuu gareen hundaa’ee hojiitti seenuu eeraniiru.

Labsii bulchiinsa meeshaalee waraanaa, labsii sirna bulchiinsaa, labsii abukaatotaa, labsii bulchiinsa mana amala sirreessaa, labsii dhaabbilee waldaalee siiviilii, labsii miidiyaa, labsii namootaan daldaluu fi yakka dadabarsa namootaa seeraan ala daangaa ce’aa, seera daldalaa fi labsii farra shororkeessummaa ilaalchisee, raawwii isaaniirratti gamaaggama kan gaggeessu koreen Ministira Miniseera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoosiin hundaa’ee hojiitti seeneera jedhame.

Seeronni erga ba’anii kaayyoo jijjiiramaatiif ooluu isaanii, gadi fageenyaan kan qoratu yoo ta’u, raawwii isaanii irratti gufuuwwan, hanqinaalee fi yaadota furmaataarratti yaad deebii ni dhiyeessaan eegama jedhameera.

Korechi hojicha milkaa’inaan akka xumuruuf Ministeerri Haqaa hordoffii fi deeggarsa akka taasisu eeramuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment