Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Seerootni haaraan wayita bahan faayidaa ummataa fi biyyaaf argamsiisan bu’uura godhachuu akka qaban Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon yaadachiisan.
Koreewwaan Dhaabbii Mana marichaa gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaarratti mari’ataniiru.
Manni marichaa bara 2017 keessa seera baasuu, dippiloomaasii paarlaamaa fi dameewwan bakka bu’iinsa ummaataan hojiilee biyyaa fi ummaataaf faayidaa olaanaa qaban hedduu raawwachuu Obbo Taaggasee Caafoon himaniiru.
Seeronni erga bahanii booda raawwii isaanii hordofuu fi ummataaf hubannoo kennuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Marii biyyaalessaa hirmaachisaa fi sirna haqa ce’umsaa naannawaa hundatti hojiitti hiikuun nageenya Itiyoophiyaa waaressuun barbaachisaa ta’uu himuu ragaan mana maricharraa argame ni mul’isa.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara kana labsiiwwan dhiyaatan 37 keessaa 27 kan raggaasise yoo ta’u, 10 ammoo adeemsarra jiraachuun himameera.
#Oromia #Ethiopia