Seeronni Ittisa yakka malaanmaltummaa hojiirraa ooluu qabu jedhame

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Seeronni Ittisa yakka malaammaltummaa mootummaan baase hojiirra ooluu akka qaban Koomishiniin Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa Damee Giddugaleessa Kibbaa hubachiise.

Godina Arsii Lixaatti ogeeyyii namuusaa magalootaa fi aanaalee godinichaaf, namuusaa kenna tajaajilaa, tarsiimoo Ittisa yakkaa, barbaachisummaa qabeenya beeksisuu fi galmeessuu fi kanneen biroorratti leenjiin hubannoo cimsuu kennameera.

Itti Gaafatamaan Koomishinichaa Damee Gidduugaleessa Kibbaa Obbo Dajanee Dirribaa, malaanmaltummaa ittisuuf qaamoleen gahee qaban hawaasa dammaqsuu, hirmaachisuu fi gurmeessuun gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsan.

Komishinichi yakka malaanmaltummaa ittisuu irratti akka hojjechaa jiru ibsameera.

Malaanmaltummaan rakkoolee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa ta’uu irra darbee biyya diiguu akka danda’u eerameera.

Jibriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment