Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)-Seeraan alummaa dameen diinagdee akka hinguddanne taasisanirratti xiyyeeffannaan hojjechuu gaafata jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimaallis Abdisaan.
Yaa’ii 3ffaan Waldaa Interpirinaroota Shaggar gaggeeffameera.
Yaa’icharratti Obbo Shimallis Abdiisaan haasawaa taasisaniin, Waldaan Interpirinaroota Shaggar qabeenya beekumsa irratti hundaa’e uumuu irratti hojjachuun cabiinsa hawaasa keenya kan wal’aanu jedhan.
Rakkoolee damee dinagdee biyyattii keessatti mul’atan furuuf hojjatamuun, yeroo ammaa bu’aalee jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru.
Diinagdee naannichaa cimsuufis mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.
Hooggansa jette jettee dhiisee dinagdee hoogganu argannaan ummanni keenya aadaa hojii cimaa qabaachuu hubanneerra kan jedhan Obbo Shimallis, mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalaa irratti wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaa babal’isuu, interpirinaroota baay’isuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuudha jedhaniiru.
Seeraan alummaa dameen diinagdee akka hinguddanne taasisanirratti xiyyeeffannaan hojjechuu murteessaa ta’uu himaniiru.
Waltajjicharrattis waldichaa jalatti gurmaa’uun namoota milkaa’ina galmeessaniif badhaasni kennameera.
Waldaan kun namoota kuma 7 ol biizinasiitti galchuun, namoota kuma 15 oliif carraa hojii uumuun eerameera.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.