Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Waajjirri Qonsilaa Jeneraalaa Ityoophiyaa Puuntilaanditti argamu, Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa damee Bosaasoo waliin ta’uun godaantota 33 Bosaasoorraa gara biyyaatti akka deebi’an taasiseera.
Deebitoota kanneen keessaa 12 dubartoota, 17 dhiirotaa fi 4 ammoo daa’imman ta’uun eerameera.
Dargaggoonni kunneen daddabarsitoota seeraan alaan gowwoomfamuu fi maallaqa kaffaluun biyya isaaniirraa erga ba’anii booda rakkoo fi dararaa addaa addaaf saaxilamuun eerameera.
Godaantota seeraan alaa Puuntilaanditti argaman hojiin gara biyyaatti deebisuu kan itti fufu ta’uu fi torban dhufus marsaa 2ffaan godaantonni gara Ityoophiyaatti akka deebifaman himameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.