Seenesssa dogoggoraa Oromoo ilaalchisee barreeffamaa turan sirreesuuf inistitiyuutichi hojjechaa jiraachuu ibse

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Seenesssa dogoggoraa ummata Oromoo ilaalchisee barreeffamaa turan sirreesuuf Inistiitiyuutii Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibse.

Inistiitiyuutichaan kan qophaa’e waltajjiin leenjii Qorattootaa mata duree “Seeneessa dogoggoraa, qorannoon adda baasuun, seenessa waloon bakka buusuun, dandeettii ogummaa qorattootaa leenjiin gabbisuun murteessaa dha” jedhuun, Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jjra.

Daarekteerri Olaanaa Inistiitiyuutiichaa Dooktar Dirribaa Tarrafaa haasawaa taasisaniin, seenesssa dogoggoraa uummata Oromoo irratti barreeffamaa ture sirreessuudhaaf, Inistiitiyuutiin Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo gahee gudda bahachaa jiraachuu eeran.

Kitaabota garaagaraa dhimma Afaan, Aadaa, Seenaa fi Aartii Oromoo irratti xiyyeeffatan maxxansuun, ummataaf dhiyeessaa jirachuu dubbataniiru.

Bara 2017 keessa kitaabota 69 uummata biraan ga’uuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Qorannoon, ogummaa fi naamusa, madaala, kan rakkoo hiiku, obbolummaa fi walitti dhiyeenya sabaa kan cimsus ta’uu qaba jedhan.

Leenjichi mala qorannoo, dhimma Afaan, Aadaa, seenaa fi Aartii, ragaa walitti qabuu fi ol kaa’uu, qorannoowwan dijitaalessuu, qorannoowwan fookiloorii fi ogbarruu irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Leenjitoonni, Oromiyaa Godinaalee 21 fi Bulchiinsa Magaalaa 23 irraa kan babba’an yoo ta’u, hayyoonnii fi hooggantoonni dhimmichi ilaallatu biroonis hirmaachaa jiru jedhameera.

Dinqaa Baacaa fi Jaallannee Taasisaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment