Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Seenessi waloon humna walitti qabuun biyya ijaara, Seensi qeenxeen ammoo humna bittinneessuun biyya diiga jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Daandii Ida’amuun badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf seeneessi waloon murteessaa ta’uu eeraniiru.
Kan waloo keenyaa fudhachuun biyya ijaaraa, kan gargar nu fageessan ofirraa fageessuu qabna jedhan.
Seeneessi waloon sabdaneessummaa gabbisuun, Badhaadhina mirkaneessuun, waliigaltee biyyaalessaa uumuun mul’ata biyyaa kan dhugoomsu ta’uu eeraniiru.
Miidiyaaleen, dhaabbileen amantaalee fi dameen Aartii hojii ummata walitti fiduu fi tokkummeessurratti xiyyeeffachuun akka qaban hubachiisaniiru.
Diigaa ijaaruu osoo hin taane, kan jiru irratti ida’uun biyya ceesisuu qabna jedhan.
#Oromia #Ethiopia