Seenessa Waloo Ijaarree Itiyoophiyaa Sabdaneettiitti Ulfina Horra-BKO

Seenessa Waloo Ijaarree Itiyoophiyaa Sabdaneettiitti Ulfina Horra-BKO

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)-Seenessa Waloo Ijaarree Itiyoophiyaa Sabdaneettiitti Ulfina Horra jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Inbse.

Biirichi haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseen Itiyoophiyaan biyya jabduu Ulaa Galaanaa gonfatte ta’uu isheetiin qaama injifannoo seenessa waloo haaraa ijaarrachuu jalqabdee jirti jedheera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhuyaateera.

Itoophiyaan biyya sabdaneettii, Afdaneettiifi Amantaalee danuu qabdu biyya goototaati.

Gootummaan jaalalaafi ulfina biyyaaf qaban irraa kan maddu aarsaa kaffaluun duudhaa argamudha.

Lammileen Itoophiyaa Kaabaafi Kibba; Bahaafi Lixaa timmisuun koloneeffattoota hidhannoo Ammayyaa hidhachuun lafoofi qilleensa gubbaarraa Abidda roobsaa dhufan waloon dura dhaabbachuun daaraa taasisanii kabajaafi ulfina biyyaa wareegamaan olqabaniiru.

Seenessa waloo jabaa injifannoo Adwaa gootummaa gurraachota Afrikaa dhiiga isaaniitiin galmee seenaa Addunyaa irratti barreessan. Kanaanis gurraachi Afrikaa goota warra Adii injifachuu danda’u ta’uu Addunyaaf labsaniiru.

Seenessi waloo humna waloo guddicha gaara rakkinaa diigu, seenessa qeenxee mo’ee tokkummaa biyyaalessummaa ijaarudha.

Humni kun Itoophiyaa keessatti sabdaneessummaan kan ifu, walqixxummaa lammilee kan mirkaneessuufi tokkummaa biyyaalessaa kan ijaaru imala akka salphaatti boodatti deebi’uu hin dandeenyedha.

Kanaafis seenessi qeenxee olaantummaa Afaan tokko, Alaabaa tokkoofi Amantaa tokko leellisu waggoota 150 oliif biyya kana keessatti ijaaramaa ture milkii malee burkutaa’uun ragaa guddaadha.

Mallattoon callaqqee tokkummaa sabdaneessaa maqaa gaarii biyya keenyaa ol qabu kan biraan ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Ashaaraa waloo keenyaa kan ta’e Ifa Gaanfa Afriikaa mallattoo birmadummaa keenyaati.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa pirojektii hoggansi jijjiiramaa badii hamaa irraa baraare dafqa lammilee Itoophiyaati.

Imala kanaan injifannoo dhiigaan arganne dafqaan guutuu taasisuuf tarkaanfii jabaa Itoophiyaan fudhattedha.

Injifannoon kun xiiqii hiyyummaa moo’achuuf taasifame qaama guddaa seenessa waloo keenyaati.

Itoophiyaan biyya Ulaa Galaanaa qabdu turte shira irratti hojjetamaa tureen biyya Ulaa Galaanaa dhabdee dachee gogaan marfamtedha.

Hooggansi jijjiiramaa tarkaanfii haaraa dhiyeenya jalqabeen qaama injifannoo seenessa waloo guddicha dhaloota haaraa akka galmaa’u taasfameera.

Itiyoophiyaan biyya jabduu Ulaa Galaanaa gonfatte ta’uu isheetiin qaama injifannoo seenessa waloo haaraa ijaarrachuu jalqabdee jirti.

Seenessa waloo Ijaarree Itoophiyaa Sabdaneetiitti Ulfina kan Horru imala jijjiiramaa utubnee, birmadummaa keenya guutuu taasifneeti.

Biiroo Kominkeeshinii Oromiyaa

Mudde, 23/2016

Finfinnee

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment