Seenaatar Kiim Jaaksan Ityoophiyaarratti ejjennoo dogoggoraa fudhachuutti dhiifama gaafatan

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Seenaatarri Joorjiyaa Kiim Jaaksan odeeffannoo sobaa ABUT fi deeggartoota isaan gowwoomfamuun Ityoophiyaarratti ejjennoo dogoggoraa fudhachuu isaaniitti dhiifama gaafatan.

Kiim Jaaksan dhiifama kan gaafatan waltajjii marii Ameerikaatti hawaasni Ityoophiyaa qopheesserratti ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaanonni gama miidiyaalee hawaasummaa garaagaraan ergaawwan garaagaraa ergaafii turuu eeraniiru.

Dhugaa qabatamaarratti osoo hin hundaa’iin odeeffannoo sobaa deggartoota ABUT irraa isaan ga’erratti hundaa’uun ejjennoo dogoggoraa qabatanii turuu eeraniiru.

Dogoggora uumaniifis itti gaafatamummaa guutuu fudhachuun sirreessuuf kan hojjetan ta’uu fi mootummaa fi uummata Ityoophiyaa dhiifama kan gaafatan ta’uu himaniiru.

Anii fi seenaataroonni biroon holola ABUTiin dogoggorreerra jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment