Seenaan dippiloomaasii Itiyoophiyaa dhagahamtummaa fi dhiibbaa uumtummaa ishee kan agarsiisuudha-Pir. Sahilawarqi Zawudee

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Seenaan dippiloomaasii Itiyoophiyaa walitti dhufeenya biyyoota waliin qabaachuu qofa osoo hintaane dhaga’amtummaa fi dhiibbaa uumtummaa ishees kan agarsiisuudha jedhan Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudeen.

Sirni baniinsa agarsiisa “Torbee Dippiloomaasii” Itiyoophiyaa Godmabaa Saayinsiitti gaggeeffameera.

Agarsiisicharratti Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen haasawaa taasisaniin, seenaa dippiloomaasii waggoota 116 qabdu keessatti qooda fudhatootaa fi misiyoononni, Itiyoophiyaa beeksiisuuf qooda bahatanii fi hojii hojjetan mul’isuuf agarsiisichi faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Seenaan dippiloomaasii Itiyoophiyaa walitti dhufeenya biyyattiin biyyoota biroo waliin qabduu qofa osoo hintaane dhagahamtummaa fi dhiibbaa uumtummaa ishees kan agarsiisuudha jedhan.

Dhibbaa uumtummaa fi dhaga’amtummaa qabdutti deebisuufis rakkoolee keessoo biyyattii furuuf waldhagahuu qabna jedhaniiru.

Agarsiisni dhiyaates hojiilee dippiloomaasii biyya beeksiisuuf hojjataman hawaasni akka hubatu kan gargaaru ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaan gara teeknooloojii jarraa 21ffaatti akka ceetu ciminaan hojjetamuu akka qabu kaasanii, dippiloomaasiin Itiyoophiyaa bu’aa bahii heddu keessa darbuu “Torbee Diiplomaasii” eegalamerraa barumsi kan argamu ta’uu himaniiru.

Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin gama isaaniin, seenaan dippiloomaasii Itiyoophiyaa waggoota dheeraa kan lakkoofsiise ta’uu eeruun agarsiisichi seenaa dheeraa kaleessaa bu’uureffachuun imala dheeraa boruuf hojjechuuf kan kayyeefate ta’uu dubbatan.

Dhiibbaawwan dandamachuun faayidaa biyyaaleessaa kabachiisuun kan danda’amuu tokkummaa yoo cimsinedha jedhan.

Itiyoophiyaan akka injifattu rakkoolee keessoo kamuu karaa nagaan furuuf hunduu Ambaasaaddara nagaa ta’uu akka qabu akeekaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment