Seeminarri dargaggoota biyyoota Afrikaa bahaa nageenyaa fi eegumsa naannoorratti muuxannoo wal jijjiirran eegale

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC)- Seeminarri dargaggoota biyyoota Afrikaa bahaa nageenyaa fi eegumsa naannoorratti muuxannoo wal jijjiirran eegaleera.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil seeminaaricha ifatti jalqabsiisaniiru.

Har’a Finfinneetti kan eegalee seeminarichi dargaggoonni biyyoota Afrikaa bahaa 10 irra walitti babba’aan hirmaannaa nageenyaa fi eegumsaa naannoorratti qaban kan cimsuu muuxannoo kan itti wal jijjiirran ta’u beekameera.

Dabalataanis seeminaarichi biyyattirratti nageenya waaraa buusuuf tattaaffii taasifamuuf shoorasaanii akka ba’ataan kan kaayyeeffate ta’uu ibsameera.

Daayrektarri humna eeggata Afrikaa bahaa Birgaadeer Jeneraal Geetaachoo Shifarraaw gama isaaniin, waltajjichi dargaggoonni naannichatti nageenyaa waaraa buusuu fi hojiiwwan eegumsaa naannoorrati hirmaanna akka taasisaaniif shoora olaanaa qaba jedhan.

Sagantaa seeminarichaa guyyaa 2ffaan sagantaa tajaajila tola oltootaa dargaggoota eegaluu ifoomsun Paarkii Inxooxxootti sagantaa dhaabbii biqiltuu akka raawwatamuu ragaan Ministeera nageenyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment