Seektaroonni hundi hojii isaanii akkaataa karooraan akka raawwatan Pireezidaanti Shimallis hubachiisan

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2016 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojiilee kurmaana tokkoffaa guyyoota darban taasisa turre xumuruu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalli Abdiisaan ibsaniiru.

Seektaroonni hundi, akkaataa kallattii waliigalaa kaa’ameen hojiilee gurguddoo raawwiileen isaanii harkifatan yeroo gabaabaa keessatti sababa harkifannaa isaanii adda baasuun kurmaana dhufutti yoo xiqqaate akkaataa karoorfameen raawwachuun dirqama isaanii ta’uu hubachiisuuniiru.

Guutuun ibsa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Muuxannoowwaan milkaa’inaafi hanqinaa waggoota muraasa darbani irraa ka’uun, karoora bara kanaa maqaa “Karoora Xiiqii” jedhuun moggaasuun keenya niyaadatama.

Milkaa’ina karoora kanaatiif hunda dura ka’umsaafi maalummaa karoorichaa hubachuun dhimma murteessaa ta’uu hubachiisuun barbaada. Ka’umsi “Karoora Xiiqii” gaabbii “osoo qabnuu akka dhabaatti; osoo dandeenyuu akka dadhabaatti maaliif?” jedhuu irraa kan ka’u. Inni biraa maalummaa karoorichaa hanqina hubannoo tokko malee beekudha. Haaluma kanaan “Karoorri Xiiqii” kun “dilbii (potential) qabnu kan hubate, hiixataa, kaleessaan kan hin madaalamneefi haala adeemsa isaa baay’ina, ariitiifi qulqullinaan raawwachuufi oomishuu kan taasiseedha.

Gamaaggama har’a goolabneen ka’umsa, maalummaa, tooftaafi humna raawwii keenyaa irra dhaabbachuun raawwii kurmaana tokkoffaa bara hojii 2016 gadi fageenyaan ilaallera. Karoorri qabameefi raawwiin jiru, humni raawwii keenya kan ta’an, humna maatii, humna mootummaa (baajata) akkasumas humna waloo waliin hagam akka walsimsineefi fageenya hagamii akka nu deemsisuu danda’an qoranneerra.

Gamaaggama raawwii baatiiwwan sadan darbanii kanaan, gama tokkoon cimina mul’dhatan adda baassun akkaataa itti babal’dhatuu danda’an gama biraatiin, hanqinoota mul’dhatan adda baasuun tarkaanfiilee sirreeffamaa fudhatamuu qaban maal maal akka ta’an adda baasuun kallattii itti kennineera. Haaluma kanaan, seektaroonni hundi, akkaataa kallattii waliigalaa kaa’ameen hojiilee gurguddoo raawwiileen isaanii harkifatan yeroo gabaabaa keessatti sababa harkifannaa isaanii adda baasuun kurmaana dhufutti yoo xiqqaate akkaataa karoorfameen raawwachuun dirqama ta’uu cimsee hubachiisuun barbaada.

Dhumarrattis, kurmaana sadan hafan keessatti, fayyadamummaa ummanni keenya akka mirkaneessinuuf nurraa eeguufi waadaa fayyadamummaa isaa mirkaneessuuf ummata keenyaaf galle yaadachuun yeroo kamiiyyuu caalaa miira yeroo hin qabnuufi xiiqii jabaadhaan raawwannee karoora waggichaa milkaa’ina olaanaadhaan kan goolabnu ta’uu abdii guutuu kanan qabu ta’uu isiniif mirkaneessa!

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment