Seeftineetii misoomawaan wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaachaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2017 (FBC)- Sagantaan Seeftineetii misoomawaa baadiyyaa wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf gumaacha taasisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Sagantaa seeftineetii misoomawaa baadiyyaa marsaa 5ffaa bara 2016, raawwii kurmaana jalqabaa 2017 fi kallattii fuulduree sagantichaa marsaa 6ffaa irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’atameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen akka jedhanitti, sagantichi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gumaacha taasisaa jira.

Sagantichi hojiilee hawaasummaa fi fooyya’iinsa jireenya maatiif gumaacha taasisa jiraachuu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Walitti Qabaan Dhaabbilee Tumsitootaa Sagantichaa Dooktar Fardinaandi Voon Wayih gama isaaniin, bu’aalee olaanaa marsaa 5ffaarraatti galmaa’e marsaa 6ffaarrattis cimee akka itti fufu akeekaniiru.

Saganticha marsaa 6ffaan hojiileen fooyya’iinsa jireenya maatii cimanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.

Bara baajataa kanattis sagantichaaf bajanni Birrii biiliyoona 80.5 akka ramadamee fi kana keessaa %56 mootummaan, %44 ammoo qaamolee tumsitootaan kan uwwifamu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment