Sa’uud Arabiyaa fi Baahireen talaallii covid-19 laachuu eegalan

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)- Sa’uud Arabiyaa fi Baahireen talaallii vaayrasii koroonaa laachuu eegalaniiru.
Tibba darbee fayiidarra akka ooluuf kan eeyyamamee talaalliin vaayrasii koroonaa kun biyyoota lameen keessaatti laatamuu eegaleera.
Weerarichi erga muul’atee kaasee Sa’uud Arabiyaatti namoonni kumni dhibbi 3 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 6 ol ammoo lubbuun darbeera.
Haaluma wal fakkatuun talaalliin vaayrasii koroonaa kun Baariheeniittis laatamu eegaleera.
Lammiileen Biyyatti kumni 89 fi 600 covid-19 yoo qabaman, 349 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment