Sassaabbii galii guddisuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu qindaa’aan murteessaadha-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Sirna diinagdee tasgabbaa’aa uumuufi sassaabii galii guddisuuf hojiin olaantummaa seeraa kabachisuu qindaa’aan murteessaa ta’uu Ministeerrii Galiiwwaanii beeksise.

Waltajjiin gamaaggama raawwii hojii ittisaa fi to’annoo Kontirobaandii, gibiraa fi daldalaa kan bara 2016 magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeerichaa Aadde Ayinaalem Nuguseen haasawaa taasisaniin, dhaabbiileen haqaa fi nageenyaa sochiin diinagdee foyyaa’aan akka umaamuuf gahee olaanaa bahachuu ibsuun, bara baajatichaattis cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Bara baajataa 2016tti hojii qaamoolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetameen qabeenyaa biyyaatti hattootarraa baraaruun danda’amuu ibsuu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment