Sarbamni mirga namoomaa nurra hingeenye-Shakkamtoota to’annoo seeraa jala jiran

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuutiin mirgi namoomaa shakkamtoota to’annoo seeraa jala jiraanii kan hinsarbamne ta’uu gareen dhimmicha qulqulleessuuf Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa hundaa’e beeksise.

Gareen jilaa Obbo Iisaa Boruun durfamu tibbana Magaalaa Adaamaa, Maqii fi Buraayyuutti shakkamtoota to’annoo seeraa jala jiran wayita daawwatanitti, mirgi namoomaa isaanii kan hinsarbamne ta’uu, tajaajilaa nyaataa fi wal’aansaa argachaa jiraachuu shakkamtoonni miseensota garechaaf ibsaniiru.

Ta’us, shakkamtoonni tokko tokko mana murtiitti kan hindhiyaanne ta’uu, kaan ammoo maatii isaaniirraa fagaatanii jiraachuun rakkoof saaxilamuu ibsaniiru.

Miseensonni garechaa gama isaaniin, keessumaa Magaala Maqii keessatti shakkamtoonni argaman dhiphina bakkaarraan rakkachaa akka jiranii fi furmaati akka kennamuuf hoggantoota oolaanoo magaalichaa fi Godina Shawaa Bahaaf eeraniiru.

Shakkamtoonni mana murtiitti hindhiyaannes akka dhiyaatanii dhimmi isaanii furamu, dursaan garechaa Obbo Iisaa Boruu yaad-deebii hoggantoota naannawichaaf kennaniin hubachiisaniiru.

Haaluma walfakkatuun, jiraattonni Magaalaa Buraayyuu tarkaanfii olaantummaa seeraa mootummaan fudhataa jiru kan deeggaranii fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya isaanii tikfachaa jiraachuu gareechaaf eeraniiru.

Jiraattonni kana kan jedhan waltajjii marii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa garee koreewwan gargaraarraa walitti baba’ee waliin gaggeffamerratti ta’uu eerameera.

Miseensonni garichaa gama isaaniin, nageenya naannawichaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf hirmaannaa hawaasni eegalee cimee itti fufuu akka qabu hubachiisuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment