Sararri daddabarsa anniisaa Ityoo-Keeniyaa torban lama booda hojii ni eegala jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015(FBC)- Sararri daddabarsa anniisaa eletirikaa Ityoo-Keeniyaa abbaan kiiloovooltii 500 torbanoota lamaan dhufanitti hojii kan eegalu ta’uu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Dhiimmicha ilaalchisuun gareen Humna Elektirikaa Ityoophiyaatti hojii raawwachiisaa damee ijaarsa sarara daddabarsa fi buufataalee raabsaa elektirikaa obbo Kibroom Kaasaayiin durfamu bulchiinsa godina Walaayittaafi hoggantoota qajeelchaa waliin mari’ateera.

Sararichi walitti hidhamiinsa anniisaa elektirikaa biyyoota lameeniifi faayidaa inni diinagdee Ityoophiyaaf qabu olaanaa ta’uu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun piroojekticha hojii jalqabsiisuu ilaalchisee hoggantoota waajjira pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mariin taasifamuu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment