Sarara elektirikii Malkaa Waakkannaa-Roobee deebisuuf hojjetamaa jira-Distiriktii Baalee Roobee

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC)- Humna elektirikii buufata maddisiisaa Malkaa Waakkannaa irraa gara buufata raabsaa elektirikii Roobee geessu deebisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu Tajaajila Elektirikii Oromiyaatti Distiriktiin Baalee Roobee beeksise.

Hojii Gaggeessaan Distiriktichaa Obbo Bahaamud Huseen sarara buufata maddisiisa Malkaa Waakkannaa irraa gara buufata raabsaa elektirikii Roobee geessu, Aanaa Diinshoo keessatti mukni waan irratti jigeef dhiyeessiin elektirikii addaan cituu himan.

Sababa kanaan Magaalaa Roobee dabalatee magaalonni Godina Baalee hedduun tajaajila elektirikii argataa akka hinjirre eeraniiru.

Yeroo ammaas naannawa sararri addaan citetti ogeeyyii bobbaasuun, suphuun tajaajilicha deebisuuf hojjechaa jiraachuu Obbo Bahaamud himuu ragaan Kominikeeshinii Godinichaarraa argame ni mul’isa.

Maamiltoonnis miidhaa gahe hubachuun, tajaajilichi hanga eegalutti obsaan akka eeggatan dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment