Finfinne, Sadaasa 8,(FBC)- Sarara daddabarsa Elektirikaa Ityoo- Keeniyaarraa gurgurtaan elektirikaa guyyaa har’aa ifatti eegaluu ibsame.
Gurgurtaa elektirikaa kanarraa waggaatti galiin Doolaarri miiliyoonni 100 ni argama jedhameera.
Kana malees biyyoota Taanzaniyaa fi Afrikaa Kibbaaf hanga meeggaa waattii 2000 dabarsuuf yaaliin jiraachuu eerameera.
Ityoophiyaan kanaan dura Sudanii fi Jibuutiitti gurgurtaa elektirikaa kan eegalte yoo ta’uu , Soomaalilaand, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa fi biyyoota biro waliin immoo waligaltee mallatteessiteerti.
Gurgurtaa elektirikaa bara darbe Sudaaniifi Jibuutiif dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 95.4 argamuu dhaabbatichi ibsa Faanaabroodkaasting Korporeetiif ergeen ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.