Sarara daddabarsa elektirikaa Awaash lakkoofsa 2 irraa gara Asallaa diriirfamerratti saamicha raawwatameen tajaajilli humna Elektirikaa adda cituu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Awaash lakkoofsa 2 irraa gara Asallaatti sarara abbaa kiiloo vooltii 132 diriirfame irratti saamicha utubaa raawwatameen tajaajilli humna Elektirikaa addaan cituu himameera.

Aanaa Doddootaatti saamicha utubaa raawwatameen utubaan 2 kufuu isaaniin Magaalaa Asallaa dabalatee naannawaa sanatti walakkaan tajaajilli elektirikaa addaan cituun himameera.

Gareen suphaa Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaa naannichatti argamuun suphaa hatattamaa jalqabuuf hojjechaa jiraachuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa kara fuula miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.

Hojiin suphaa kunis torbee tokkoo kan fudhatu ta’uus himuu ragaan Tajaajila Elektirikaaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment