Sar Jiim Raatikliif qooda Maanchiister Yuunaayitiid % 25 bitan

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Abbaan Qabeenyaa lammii Ingiliiz Sar Jiim Raatikliif qooda Maanchiister Yuunaayitiid % 25 bituu ibsameera.

Maanchiisteer Yuuroo miiliyoona 790 kan bitan Maatiin Gileezar Baatii 13 dura qooda Kilachichaa gurugruuf caalbaasii baasuun kan yaadatamuudha.

Qooda kilabichaa % 25 kan bitan abbaan qabeenya Ingiliiz kun bulchiinsa kilabichaa ammayyeesuuf Doolaara miiliyoona 300 baasii kan taasiisan ta’uu BBCn gabaaseera.

Dhalataa magaalaa Maanchiister kan ta’anii fi Deeggaraa cimaa Maanchiisteer Yuunaayitiid kan turan abbaan qabeenyaa kun gaaga’ama bulchiinsaa kilabicha mudate ni furuun eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment