Sanyiilee filataamaan baay’ifame kuntaalli kuma 560 ol mankuusaatti galeera – ISFO

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC)- Sanyiilee filatamaan lafa hektaara kuma 29 fi 700 ol faca’erraa oomishni kuntaalli kuma 560 ol walitti qabamee mankuusatti galfamuu Intarpiraayiziin Sanyii Filatamaa Oromiyaa beeksise.
Hojiin oomisha sanyiilee filatamaa walitti qabuu itti fufee jiraachuun ibsameera.
Intarpiraayizichatti Daayrektarri Fooyya’iinsa Oomishtummaa fi To’annoo Qulqullinaa Obbo Hundee Duguree Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsa kennaniin, bara oomishaa 2014/15 midhaan gosoota 20 akaakuu 89 ta’an lafa hektaara kuma 29 fi 700 irra faca’uu himaniiru.
Sanyiileen filatamoo kanneen oyiruu kontiraataa qonnaan bultootaa fi abbootii qabeenyaa dhuunfaarraatti baay’isuuf facaafamuu kaasaniiru.
Sanyiilee filatamaa lafa hektaara kuma 32 fi 56 irraa oomisha kuntaala miiliyoona 1ol argachuuf karoorfame keessaas lafa hektaara kuma 29 fi 704 irra sanyiilee filatamaa facaafameen, hanga ammaatti oomishi kuntaalli kuma 562 fi 800 walitti qabamee, madaalamee, mankuusaatti galfamuu eeraniiru.
Karoora qabame milkeessuuf naannawaa Oromiyaa Lixaatti rakkoolee nageenyaan walqabatee oomisha sanyii filatamaa boqqolloo baay’ifame walitti qabuun harkifachuu Obbo Hundeen ibsaniiru.
Baay’isa sanyiilee filatamaarratti haalli qilleensaa hinmijanne umamuu, naannawaa Baddaatti ammoo oomisha Qamadiirratti dhibeen haaraan mudachuun fa’aa karoora qabame milkeessuu keessatti gufuulee mudatan ta’uu dubbataniiru.
Bakkeewwan oomishni walitti qabamaa jiru dabalatee, naannawaa harkifannaan mudateetti oomishni walitti qabamee wayita xumuramu kuntaalli kuma 800 ol ni argamaan kan abdatamu ta’uu himaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment