Sanyii filatamaa kuntaala kuma 100 ol raabsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Ganni osoo hin seenin sanyii filatamaa kuntaala kuma 100 ol raabsuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Koorporeeshinichi seennii Gannaatin dura sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
 
Amma ammaattis sanyii filatamaa kuntaala kuma 40 raabsuusaa beeksiseera.
 
Milkaa’ina hojichaatif dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa sanyii filatamaa dhiyeessuurratti hojjechan qindoominaan socho’aa jiraachuu koorporeeshinichatti hoji raawwachiisaan dhiyeessii sanyii filatamaa fi bu’aalee bosonaa obbo Fallaqaa Gazzaahany ibsaniiru.
 
Kuntaala dhiyaate kuma 40 keessaa kuntaalli kumni 17 sanyii boqqoolloo ta’uu ibsaniiru.
 
Qamadii fi sanyiin gosa midhaan kaanii ammoo torbee jalqabaa Waxabajjiitti guutummaan kan raabsamu ta’a.
Vaayrasiin koroonaa oomishtummaarratti sodaa ta’uu ibsanii, bara oomisha qonnaa 2012/2013tti oomisha kuntaala kuma dhibba 2 fi kuma 70 oomishuuf karoorri qabamuu obbo Fallaqaan ibsaniiru.
Comments (0)
Add Comment