Sanyii beelladaa oomishtummaan isaanii olaanaa ta’e fooyyessuuf kallattii qabannee hojjechaa jirra- Dooktar Fiqruu Raggaasaa

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Sanyii beelladaa oomishtummaan isaanii olaanaa ta’e fooyyessuuf kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Ministir Deetaan damee beelladaa Dooktar Fiqruu Raggaasaa ibsan.

Dooktar Fiqruun turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin oomisha beellada aannanii, Foonii fi horsiisa lukkuu irratti xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waggoottan 2 darbanitti hanqina roobaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaatti mudateen hongeen uumamuu kaasaniiru.

Naannolee Oromiyaa, Somaalee fi Uummattoota Kibbaatti waliigala godinaalee 19 fi aanaalee 92 keessatti hongeen mudachuuibsaniiru.

Sababa hongee kanaan Abbaan warraa kuma dhibba 1 fi kumni 80  ol rakkachaa jiraachuu eeraniiru.

Bakkeewwan hundatti beelladoonni walakkaa miiliyoonaa ta’an du’uu fi sababa kanaan miidhaa diinagdee mudachuu danda’u addeessaniiru.

Wal deeggaruun miidhaa gama kanaan mudachuu danda’u qolachuu fi hir’isuu qabna jedhaniiru.

Gama Ministeera Qonnaatiin margi beelladaa hidhaa kuma dhibba 1 fi kuma 10 ta’u naannolee sadaniif raabsamuu yaadachiisaniiru.

Nama dhuunfaarraa kaasee dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa deeggarsa margaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis qaamolee biroorraa kan walitti qabame margi hidhaan kumni dhibbi 6 raabsamuu ibsaniiru.

Shaambal Mihirattu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment