Sanyii Avokaadoo ‘Haas’ jedhamu bal’inaan misoomsuuf hojjatamaa jira-BQO

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti barana sanyii Avokaadoo ‘Haas’ jedhamu bal’inaan misoomsuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun Godina Jimmaa aanaalee garaagaraatti qophii sanyii baala Shaayii, Avokaadoo, bunaa fi kanneen biroo daawwataniiru.

haaluma kanaan barana lafa heektaara kuma 25 irratti avokaadoo misoomsuuf karoorfamee, biqiltuun miiliyoona 14 ol buufata biqiltuutti qophaa’uu himaniiru.

Sanyiin Avokaadoo ‘Haas’ jedhamu omisha dafee kan kennuu fi gabaa adduunyaa irratti barbaadamaa ta’uu Obbo Geetuun himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Mahammad Xahaa Abbaa Fiixaa gama isaaniitiin, godinichatti hojiiwwan baroottan darban keessa hojjataman omisha Avokaadoo gabaa biyya alaaf dhiheessuun eegalamuu dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment