Sanadni Qorannoo hamma Kuufama Boba’aa fi Gaazii Uumamaa Ityoophiyaa beeksiise ifoome

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Sanadni Qorannoo hamma Kuufamaa fi haala Boba’aa fi Gaaziin Uumamaa Ityoophiyaa itti ba’uu danda’u beeksiisu jalqabaa ifoomeera.
Qorannichi haala adda ta’een baatiwwan 4 darban keessa gaggeeffamaa turuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsaniiru.
Qorannichi Dhaabbata Ameerikaa ‘Niizarlaandis Siiwul and Asoseet’ jedhamuun gaggeeffamaa turuu himaniiru.
Dookumantiin Hamma Gaazii Uumamaa fi bu’aa qabeessummaa diinagdee biyyattii qabate har’a Ministeericha waliin walharkaa fuudhinsi gaggeeffameera.
Kana dura kuufamni Boba’aa fi Gaazii uumamaa jiraachuu isaan ala hangam akka ta’e wanti beekkamu kan hin turre ta’uu Injiinar Takkalaan ibsaniiru.
Sababa kanaan qabeenyichi dhaabbilee garaagaraan saamamaa turuu eeraniiru.
Teeknooloojiin kun rakkicha kan furuu fi itti gaafatamummaan akka jiraatu kan uumu ta’uu isaan seenaa biyyattiitti kan jalqabaa ta’a jedhan.
Sanadicha gara hojiitti hiikuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Miniyichil Azzazaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment