Samuudaa 6898f Qorannaan Hojjetamee, Namoota 409 Irratti Vaayrasiin Koroonaa Argameera

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) –Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin, samuudaa namoota 6898f qorannaan hojjetamee namoota 409 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
Lubbuun namoota 9 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 197 qaqqabeera.
Waliigala Ityoophiyaatti namoonni kumni 11 fi 933 vaayraasichaan qabamaniiru.
Guyyaa kaleessa namoonni 139 vaayrasicharraa yoo dandamatan, waliigala lakkoofsi namoota dhibicharraa dandamatanii kuma 5 fi 645 qaqqabeera.
Yeroo ammaatti namoonni 65 wallaansa yaala addaa keessatti argamu.
Waliigalaan amma ammaatti qorannaan laabraatoorii namoota 357,58 hojjetameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment