Sammuun Waan Gaarii Yaadee Karoorse Harki Waan Gaarii Hojjetee Milkeesse Badhaafamaadha-BKO

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Sammuun Waan Gaarii Yaadee Karoorse Harki Waan Gaarii Hojjetee Milkeesse Badhaafamaa ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi ibsa baaseen, kallattii hooggansi kennu fudhachuun uummanni xiiqiin milkaa’inni argamsiise biyya keenyatti kabaja horaa jira jedheera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Itoophiyaan biyya goototaa taatus gootummaa ishee gama hundaan guutuu taasisuu dadhabuu isheetiin biyyoota hiyyeeyyii sarara hiyyummaa gad jiraatan keessatti waamamaa turte.

Kanaanis Itoophiyaan waggootaaf maraammartoo hiyyummaan wal’aansoo qabaa jiraachaa kan turte yoo ta’u kunis hoggansa tarsiimoon masakameefi carraawwan gaarii turan gara bu’aatti jijjiiru dhabuu irraa kan maddu ture.

Waggoota shanan darbe dura jijjiirama aarsaa qaalii kaffalchiiseen gara Aangoo jiddugaleessaa muummee biyyaatti kan dhufan Looretni nagaa Addunyaa, Muummeen Ministera Itoophiyaa Dokter Abiyyi Ahmad imaammataafi tarsiimoo tarkaanfii haaraan dabaalame bocuun gootummaa Itoophiyaa guutuu taasisuuf tarkaanfiwwan garaa garaa fudhachaa jiru.

Injifannoo dhiiga keenyaan arganne dafqa keenyaan guutuu taasifna ejjennoo jedhu qabachuufi cichoomina guddaanis olkaa’insa Itoophiyaa mirkaneessuuf hojiileen damdaneessi hojjechaa jiran biyya keenya daandii milkaa’inaa irra qajeelchaniiru.

Injifannoolee gurguddoo yaadama haaraa muummeen Ministeraa keenya maddisiisan jechaan qofa osoo hin taane gochaan dabaalame biyya keenyatti kabajaafi ulfina horaa jiru keessaa Inisheetiiviin misooma Qamadii adda durummaan kan eeramudha.

Seenaa biyya keenyaa keessatti Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif hooggansa muummee Ministeraa Doktar Abiy Ahimad kennaniin misooma Qamadii Waktii Bonaa kan eegalte qofa osoo hin taane oomisha Qamadii baasii guddaan biyya alaarraa bitamaa ture biyyuma keessatti oomishuu bira darbitee biyya alaaf erguu jalqabdeetti.

Kana malees, wabii nyaataa mirkaneessuuf carraawwan jiru hunda daguuganii fayyadamuufi rakkoowwan mudatan damdamachuu qofa osoo hin taane gara carraa gaariitti jijjiiruunis hoggansa cimaa jaarraan 21ffaa kun barbaadu kan kennaa jiranidha.

Kun ammoo biyya keenyaaf qofa osoo hin taane Afriikaa guutuuf boqonnaa haaraadha.

Kanaanis wabii nyaataafi dhiyeessii nyaata madaalawaa mirkaneessuuf cichoomina, kutannoofi hoggansa kennan akkasumas wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata kalaqaa hordofuun oomisha Qamadiin argamsiisaniin badhaasni Medaaliyaa “Agricola” Dhaabbata Nyaataafi Qonna Mootummoota Gamtoomaniin badhaafaman karoora Imala Badhaadhinaa milkeessuuf qabatamee hojjetamaa jiruuf agarsiiftuu guddaadha.

Sammuun waan gaarii yaadee karoorse, harki waan gaarii hojjetee milkeesse Badhaafamaadha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas tarkaanfii haaraa hoggansa Muummee Ministeraa Dr Abiyyi Ahmad kennan fudhachuun uummata isaa hiriirsee imala hiyyummaa moo’achuuf taasifamaa jiru cimsuun milkaa’inaaf hojjechaa jira.

Badhaasni Medaaliyaa Dhaabbata Nyaataafi Qonna Mootummoota Gamtoomaniitiin Muummee Ministeraa keenyaaf kenname kunis naannoo keenyatti damee hundaan fiixaan baasuuf kan nu onnachiisedha.

Kallattii hooggansi keenya kennu fudhachuun uummanni keenyas xiiqiin milkaa’inni argamsiise biyya keenyatti kabaja horaa waan jiruuf uummata keenyaan baga gammaddan baga waliin gammanne jechuu barbaadna.

Akka Naannoo keenyaatti hojiin jalqabne kun xiqqaa yoo ta’u kan nu hafu guddaadha.

Aadaa hojii keenya fooyyessuun Gannaa Bona hojjennee, kan arganne irraas qusannee imala badhaadhinaa jalqabne fiixaan baasuuf ammas xiiqiin hojjechuu qabna.

Kallattii hoggansi keenya nuuf kennu fudhannee, tokkummaa keenya jabeessinee milkaa’ina waloon arganne waloon cimsinee itti fufsiisaa hanqinaalee hojii keessatti mul’atan furuun Imala Badhaadhinaa galmaan ga’uuf xiiqiin hojjechuu qabna.

Hiyyummaan xurii dhiqamee bahu malee godaannisa hin fayyine miti.Milkaa’ina argachaa jirru gama hundaan utubnee, Biyya keenya fakkeenya Badhaadhinaa Afrikaa taasisuuf xiiqiin akka hojjennu waamicha dhiyeessina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Amajjii, 20/2016

Finfinnee

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment