Samaraatti Biiroo Qorannoo Yakkaa ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Poolisiin Federaalaa Naannoo Afaar Magaalaa Samaraatti Biiroo Qorannoo Yakkaa ijaarsisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’amera.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Koomishinara Jeneraalaa Poolisii Federalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel, Kantiibaa Magaalaa Samaraa Obbo Abduu Muusaa dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Koomishinar Dammallaash haasawaa taasisaniis, biiroo qorannoo yakkaa ijaarsisuuf naannichi lafa karee meetira kuma 10 dhiyeessuu fi dizaayiniin qophaa’uu dubbatan.

Hoggantootaa fi misoonsota poolisii naannichatti hojjetaniif manni jireenyaa akka mijatuu fi ijaarsi giddugalaa leenjii ammaayyaa’aa ittisaa fi qorannoo yakkaa gaggeessuuf tumsan kan hamate ta’uus ibsaniiru.

Hoggansi naannichaas ijaarsi pirojektichaa yeroo qabame keessatti akka xumuramuuf tumsa akka taasisan waamicha dhiyeessu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment