Salvaa Kiirii fi Riik Maachar waliigaltee nageenyaa saffisaan hojiirra oolchuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir Maayardiitii fi itti aanaan pireezidaantii biyyattii Riik Maachar waliigaltee nageenyaa saffisaan hojiirra oolchuuf waliigalteerra ga’aniiru.
Bara 2018 keessa mootummaa fi humnoota mormitootaa gidduutti waliigaltee nagaa mallattaa’uun waraanni biyya keessaa waggoota shaniif Sudaan Kibbaatti gaggeeffamaa ture xumuruun isaa ni yaadatama.
Ministirri dhimmoota Kaabinee biyyattii Maartiin Eeliiyaa Loomuuroon Pireezidaanti Saalvaa Kiirii fi Maachaar karoora waliigaltee nageenyaa qophaa’e saffisaan hojiirra oolchuuf waliigalteerra ga’uu isaanii ibsaniiru.
Waliigalteen waloo kun biyyoonni naannawichaa fi hawaasn idil addunyaa adeemsa nagaa buusuurratti amantaa qaban kan dabalu ta’uu himuu isaanii Sudaan Tiruubiiyuun gabaaseera.
Pireezidaantiin Seeneegaalii fi Dura taa’aan gamtaa Afrikaa Maakii Saal Wiixata darbe hoggantoota lameen waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.
Hoggantoonni kunneen waliigaltee nageenyaa kana saffisaan hojiitti akka hiikan waamicha dhiyeessanii turan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment