Sakattoo mana manarraatin manneen miiliyoona 3 ol qaqqabuun danda’ameera

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Hojii sakattoo mana manarraatin manneen miiliyoona 3 ol qaqqabuun danda’amuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisan.
 
Sadarkaa biyyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf sakattoon mana manarraa hojjetamuu ibsaniiru.
 
Hojii sakattoo kanaanis namoonni mallattoon irratti muul’ate 427 adda baafamuu Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti himaniiru.
 
Hojjettoota ekisteenshinii fayyaa, ogeeyyii misooma qonnaa, barsiisotaa fi tola ooltotaan hojichi ammas itti fufuu Dooktar Liyaan ni himu.
 
Sakattoon mana manarraa kun weerarichi hawaasa keessatti sadarkaa irra jiru baruuf gargaara.
 
Jalqaba buufataalee xiyyaaraa, lafoo fi geejibaan namoota biyya seenan irratti gaggeeffamaa kan ture yammuu ta’u, Finfinnee fi naannoleettis itti fufeera.
 
Daayreektarri Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Dooktar Ebbaa Abaataan gama isaanitiin hojiin buufataalee qorannaa vaayrasii koroonaa hundeessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Amma ammaattis 20 hundeeffamanii dandeettiin qorannaa isaanii dabalaa dhufuu eeru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment