Seenduubee
Qaroominni kamuu ka’umsa isaatiif magaalaa maqaa dhahata. Dh.K.D. bara 4300 irraa eegalee, magaalonni seenaa dhala namaa keessatti jijjiiramootafi warraaqsoota gurguddaaf mandhee ta’uun tajaajilaniiru.
Haata’u malee, magaalaan wiirtuu jijjiirama ijoo kan ta’e, adeemsa magaalomsuu bara seenaa ammayyaa (modern age urbanization) keessa.
Yeroo kanaa kaasee, magaalonni giddugala murteessoo dinagdee, siyaasafi hawaasummaa — daldala, gabaa, carraa hojii, ogummaa, galii, tajaajila, barnoota, saayinsii, teeknoolojii, aartii, ogbarruu, siimboo caasaa olaanaa (superstructure) fi kan biroo ta’uun tajaajilaniiru.
Yeroo ammaa ummata addunyaa keessaa walakkaan jiraataa magaalaa yoota’u, omisha waliigalaa (GDP) addunyaa keessaa %80 magaalota irraa madda. Akkasumas sochiin dinagdee, bulchiinsaafi hawaasummaa magaalota keessatti hoo’a.
Magaalli motora misooma dinagdee ta’uun, siyaas-dinagdeefi hawaasummaa addunyaa hundeerraa jijjiiraa dhufeera.
Adeemsi magaalomsuu bara seenaa ammayyaa, yeroo jalqabbii, ariitii dagaaginaa, fayyadamummaa argamsiisufi kkf’niin ardiidhaa ardiitti, akkasumas biyyaa biyyatti garaagarummaa guddaa qaba.
Adeemsa seenaa, haala ammeefi egeree magaalomsuu biyyaafi naannoo keenyaa irratti, hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiru akkasumas ummata naannoo keenyaa gidduutti dhimmoota hubannoo walfakkaataa umuuf ka’umsa ta’an akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.
Modeelota Magaalomsuu
Modeela Biyyoota Gara Dhihaa
Magaalomsuun bara seenaa ammayyaa, warraaqsa indaastiraawa (industirial revolution) walakkeessoo jaarraa 18ffaa keessa biyyoota gara dhihaa keessatti dhoohe hordofee kan dhufedha.
Biyyoota kanatti, indastiriin humna namaa hedduu barbaadu (labour intensive) babaldhachuu isaatin, qubsuma walitti dhihoofi dhawaata bifa magaalummaa qabate hordofsiisera.
Adeemsi kun yeroo dheeraa, waggoota 300 ol ta’u kan fudhate ture. Walumaagalatti, biyyoota gara dhihaatti, babaldhina indaastiriitu adeemsa yeroo dheeratiin magaalota uume.
Modeela biyyoota Eeshiyaa
Akaakuun magaalomsuu bara seenaa ammayyaa inni biroo, kan biyyoota Eeshiyaa yoota’u, taatee walakeessoo jaarraa 20ffaa irraa jalqabeefi ariitiin babaldhatedha.
Magaalomsuun Eeshiyaa ka’umsa lama qaba: tokko godaansa indaastirii biyyoota gara dhihaa/misoomanii yoota’u, lammaffaan tarkaanfii qindaa’aa mootummoonni biyyoota Eeshiyaa keessoo isaanii sakatta’uun fudhatani.
Mootummoonni kunneen, indaastiriiwwan biyyoota misoomanii humna namaa gatii gadi aanaan argamu, galtee, gabaa baldhaafi haaraa barbaacha qaari’anii baqachuuf filannoo taasisaa jiran hawwachuuf jecha magaalota ijaaran.
Giddu-seentummaa tarsiima’aa mootummoonni kunneen taasisan, sababoota sadi irraa kan ka’e milkaa’inaan tarkaanfateera.
Tokkoffaa, aadaa hojiifi ogummaa irratti baldhinaan invasti waan taasisaniif, nama magaalomsuu danda’aniiru.
Lammaffaa, bu’uraalee misoomaa “smart”, paarkii indaastirii, zoonii dinagdee addaa, dhaabbilee tajaajila si’ataa kennan babaldhisuun lafa magaalomsuu irratti milkaa’aniiru.
Sadaffaa, haala dandeessisoo diriirsuufi tiksuun, milkaa’inoota lameen armaan olitti ka’anitti dhaqna horuu danda’aniiru.
Kanas, seera onnachiisaa baasuun, tajaajila qaqqabamaafi si’ataa dhiyeessuun, maastar pilaaniin bitamuun, tarsiimoo faayinaansii maddaa galii baldhisuufi dandeettii sassaabuu guddisu hordofuun milkeessaniiru.
Biyyoonni Eeshiyaa, adeemsa magaalomsuu tarsiima’aa hordofaniin, magaalota indaastirii, teknoolojii, daldala, turizimii, barnoota, walumaagalatti magaalota jiruufi jireenyaa namaatiif mijatan umuu danda’aniiru.
Karaa birootin, biyyoonni Eeshiyaa indaastirii hawwachuuf jecha namaafi lafa magaalomsuun magaalaa ijaaruu danda’aniiru.
Modeela Biyyoota Baha Giddugaleessafi Afrikaa Kaabaa
Modeelli magaalomsuu inni biroo, kan biyyoota Baha Giddugaleessafi Afrikaa Kaabaati.
Sababoonni al-kallattiin gahee taphatan jiraatanis, biyyoonni kunneen magaalomsuu isaanii nama magaalomeefi lafa magaalome bituun kan dhugoomsanidha.
Asirratti arjummaan umamaa, hoggansi tarsiima’aafi dambaliin firii magaalomsuufi indaastiroomsuu (industirialization) haaraa biyyoota Eeshiyaa, qooddattoota dandeessisoo turan.
Walumaagalatti, galmi magaalomsuu biyyoota Baha Giddugaleessaafi Afrikaa Kaabaa magaalaa jiruufi jireenya “luxury”f mijataa ta’e umudha.
Asirratti, sochiin biyyi Misir dinagdee biyya keessatti hinumamneen magaalaa haaraa umuuf taasiste kufaatii hintaanen goolabamaa jiraachun isaa fakkenyummaa ofeeggannuu qabu ta’uu yaadachiisun barbaada.
Modeela Biyyoota Afrikaa Sahaaraa Gadii
Modeelli magaalomsuu adeemsa keenya waliin qooddatoota waloo hedduu qabu kan biyyoota Afrikaa Sahaaraa Gadiiti.
Biyyoota kanneenitti magaalomsuun, gama tokkoon karoora kan hinqabneefi bu’aa godaansaa yoota’u, gama birootin indaastiroomsuun (industirialization) kan quba wal hinqabneefi caasaa dinagdee carraa hojii umu kan hinmadaqfannedha.
Modeelli bu’aa adeemsa ta’umsaa kun, rakkoolee akka faffaca’iinsa qubsumaa, lafa banaa daangaa magaalotaa irratti (urban sprawl) muldhatuufi al-idilummaa caasaa dinagdeetiin addatti kan ibsamudha.
Modeela Itiyoophiyaa-Oromiyaa
Imalli magaalomsuu fuulleffannaa keenyaa kan Itiyoophiyaafi Oromiyaa yoota’u, qooddatoota hundaan, modeela magaalomsuu biyyoota Afrikaa Sahaaraa Gadiin kan walfakkaatudha.
Adeemsa magaalomsuu Oromiyaafi gartokkee kibba biyyattii, iddoowwan buufata humnoota bittaa turan irraa gara magaalummaatti “cehuu”n ibsamu, akka qooddata qeenxee Itiyoophiyaa, modeela biyyoota Afrikaa Sahaaraa Gadii irraa adda taasisu jechuun ka’uun nidanda’ama.
Adeemsi magaalomsuu kun ammoo ummata keenyaaf carraa kan ume osoo hintaane, eenyummaa isaa kan tufate, qe’ee isaarraa kan buqqise, mala jiruufi jireenyaa beeku kan dhorke, abbaa biyyummaa isaa kan mulqeefi omishaafi qabeenya isaa kan qorqe ture.
Akkuma muuxxannoo ardiileefi biyyoota adda addaa irraa hubannu, magaalomsuun madda carraafi motora dinagdee ta’us, nubiratti jalqabarraa dabuun isaa, madda rakkoolee hedduu taasiseera.
Gama birootin, adeemsa magaalomsuu haaraan jalqabne, tarsiimofi koroora sirriin osoo hinhogganin wanta hafneef carraa qofa osoo hintaane rakkoofi yaaddoo baldhaa fe’ee nutti dhufeera.
Gama kanaan, akkoolen magaalomsuu keenyaa, gama tokkoon bu’uura seenaa irraa yoomaddu, gama birootin, akkaataa adeemsa haaraa itti hogganne irraa madda jechuudha.
Akka hoggansa jijjiiramaatti, maddoota rakkoo lameen irraa barannee, imala murteessoo haaraa dabaa jiru meelchuf, caaseffama dinagdee, faca’iinsa bu’uuraalee misoomaafi haala humnoota misoomaa naannoo keenyaa irratti sakatta’iinsa adeemsisuun gulantaa irra jirru baruun dirqama.
Caaseffama Dinagdee
Magaalonni naannoo keenyaa lakkoofsan hedduu ta’anis amala magaalaa hinqaban.
Lakkoofsaan 700 ol ta’anis, qubsuma walitti dhihoo qabaachuun ala wanta magaalaa isaan jechisiisu hinqaban.
Ummata keenya keessaa jiraataan magaalaa %22 hincaalu.
Lakkoofsi kun akka addunyaatti qofa osoo hintaane akka biyyaattuu gadi aanadha.
Gama birootin, jiraataa magaalaa qabnu keessaa %40, hojii qonnaa, mala jiruufi jireenyaa kallattiin magaalaa hintaane irratti kan bobba’edha.
Akka waliigalaattis, ummanni naannoo keenyaa harki caalufi dinagdeen keenya qonna aadaa irratti gar-malee kan hirkatedha.
Magaalonni babaldhachaa dhufanis, qonni damee murteessoo dinagdee naannoo keenyaa ta’uun itti fufeera.
Haata’u malee, humna namaa amma kanaa liqimsus, gaheen qonni omisha waliigalaa naannoo (GDP) keessatti qabu %44 kan hincaalle ta’uun isaa, caaseffama dinagdee keenyaa, yaadama magaalomsuu haaraa naannoo keenyatti madaqsuuf yaadnun walsimsiisun hojii baldhaa kan nurraa barbaadu ta’uu agarsiisa.
Imala kana karaatti deebisuun dura, ilaalcha egeree akeeku, yaadamaafi beekumsa magaalomsuu bara teknoolojii olaanoo (high-tech) horachuun dhimma bakka hinbu’amne ta’uu hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiru ciimsee hubachiisun barbaada.
Caaseffamni dinagdee keenyaa boodatti hafaafi dhukkubsataa ta’ee osoo jiruu, qaamoleen qonna irratti raawwii ajaa’ibaa galmeessaa akka jirrutti seenessuu eegalan nimul’atu.
Warra kana caasaan dinagdee keenyaa ammas hedduu boodatti hafaa ta’uufi reefu tuqaa jalqabbii irra jiraachuu keenya irra deebin yaadachiisun barbaada.
Fakkeenyaaf, osoo roobni waqtii tokko hafee caasaan dinagdee keenya dandamataa? Osoo weerarri hawwaannisaa ka’ee, dhukkubni daddarboo biqilaa/beeyladaa faca’ee, caasaan dinagdee qabnu too’ataa? Dhugaan jiru, har’as hirkattummaa roobaa jala jiraachuu keenya; mana kuusaa omisha ofirraa hafee itti dilbeessinu kan hinqabne ta’uudha; mala akkasumas dandeettii ittisaafi dandamannaa weerara ilbiisafi dhukkubaa kan hinhoranne ta’uu isaati. Dinagdeen keenya har’as dinagdee ji’oota sadiiti kan jennu asirraa kaaneti.
Amalli caaseffama dinagdee keenyaa inni biroo al-idilee ta’uu isaati.
Qorannoon bara 2014 bahe akka muldhisutti, ummata keenya keessaa %90 hojii dhunfaa hinidiloofneen jiraata.
Lakkoofsi ummata jiraataa magaalaa keenya gadi aanaa ta’us, sababoota garaagaraa irraa kan ka’e haala walirraa hincinneen guddachaa dhufeera.
Haata’u malee, caasaa dinagdee carraa hojii gahaa umuu dhabuu irraa kan ka’e hojidhabdummaan dargaggoota magaalaafi gartokkeen magaalaa yaaddoo guddaa ta’ee hafeera.
%43.8 ummata keenyaa dargaggoota umurii 15-29 gudduu jiran ta’us, hedduu isaanitti ogummaafi dhaweessummaa waan hinhorreef, omishaafi oomishtummaa tokko malee akka qisaasaman ta’eera. Gama birootin, dargaggoonni keenya, carraa hojii dameelee akka maanufaakchariingii, ijaarsafi teknoolojii odeeffannoo yeroo ammaa dagaagaa jiran keessatti akka hinbobbaane, hanqina ogummaa baldhaafi rakkoo qophaa’ummaa kan qaban ta’uun isaa dhimma tarkaanfii hatattamaa barbaadudha.
Walumaagalatti karoora bara 2050’tti, ummata keenya %50 jiraataa magaalaa taasisuuf qabanne dhugoomsuu akka dandeenyu dirqama yaadama magaalomsuu haaraa hojiitti hiikun caasaa dinagdee keenya ceesisuu qabna.
Humnoota Misoomaa
Misoomni Oromiyaa haala waliigalaa humnoota omishaa (factors of production) akka lafaa, humna namaa, kaappitaalaa, dhaweessummaa (entrepreneurship) fi teknoolojii waliin hidhata kallaattii qaba.
Itti fayyadamnifi qoodinsi lafaa keenya tarsima’aa ta’uu dhabuun isaa, oomishtummaa qonnaafi guddina magaalaa keenya duubatti harkiseera.
Ogummaa dhabuun humna namaa keenya ariitii kalaqaafi oomishtummaa keenyaa dangesseera.
Rakkoon dhiyeessii kaappitaalaa, invastimantii bu’uuraalee misoomaafi indaastirii irratti taasifamu haphiseera.
Abbootii qabeenyaa gahaa dhabuun, kalaqnifi carraan hojii akka harkifatu, fayyadamummaan lafaa, humna namaafi kaappitaalaa akka quucaru taasiseera.
Itti fayyadamni teknoolojii harkifataan, carraa dameelee hunda keessatti gahumsa fooyyessuu nudhabsiisera.
Imala magaalomsuu haaraa jalqabuun galma misooma itti fufiinsa qabuufi badhaadhina mirkaneessuu, amala gaggeessummaa dhimmoota kanniinii hundeerraa jijjiiruu kan nugaafatudha.
Lafti bu’uura tasgabbii hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee ta’uun isaa ifa.
Haata’u malee adeemsa magaalomsuutin gara meeshaa bittaaf gurgurtaatti cehuun isaa, qooda fudhattoota dinagdee gurguddoo lafa karaa sirrii hintaane fayyadaman harkisuun karoora itti fayyadama lafa magaalaa keenya jeeqeera.
Bulchiinsafi karoora lafaa sirrii ta’e diriirsufi raawwachuu dhabuurraa kan ka’e, magaalonni keenya mijatummaa jireenyafi hawwatummaa dhaabbilee daldalaa mirkaneessuu hindandeenye; sirumaa bakka heddutti sababa jeequmsa hawaas-dinagdee taasisaniiru.
Walumaagalatti, itti fayyadama humna namaa, lafa, invastimantii, ogummaa, dhaweessummaafi teknoolojii gidduutti, hidhamiinsa walsimaa umuu dhabuun, adeemsa magaalomsuu keenya quucarseera; hoji-manee nurratti kuusera.
Faca’iinsa Bu’uuraalee Misoomaa Oromiyaa
Qixa barbaadamuun hogganamnaan, magaalomsuun simannaa dhaabbilee daldalaa, carraa hojii, kalaqa, carraa misooma dinagdeefi cehumsaa dabaluun haala waliigalaa caaseffama dinagdee tokkoo irra deebiin kan bocudha
. Haata’u malee, babaldhinni magaalomsuu, keessumaa ariitiin hinhogganamne qaawwaa bu’uuraalee misoomaa ijoo akka daandii, anniisaa, mana jireenyaa, kuufama balfaa, dhiyeessii bishaan qulqulluu, nageenya naannawaafi carraa hojii kan hordofsiisudha.
Gama kanaan, magaalonni naannoo keenyaa, akka Baha Afrikaattis ta’ee akka Itiyoophiyaatti, faca’iinsa bu’uuraalee misoomaa ijoo kunneenin gadi aanoo qofa osoo hintaane, rakkoolee qaawwa kanneen irraa maddaniin kan raafamanidha.
Daandii akka fakkeenyatti yoo fudhanne, magaalaafi baadiyyaan Oromiyaa har’as haalaan wal hinqunnamne; naannawi misooma qonnaa keenya qaqqabamoo hintaane. Daandiiwwan istaandardii eeggatanifi karooran hojjataman muraasa qabna.
Misoomni kooridarii magaalotaa reefu sarara jalqabaa irra gahan. Hanqina qulqullinaafi kuufama balfaa yookaafne, mallattoo ibsama magaalota naannoo keenyaa ta’anii jiru.
Magaalonni keenya magaalota balfi itti hinto’atamneefi boosummaan itti anga’ee ta’aniiru. Haala kana jijjiiruun, dambalii magaalomsuu haaraa, duula waloo xiiqii irratti hundaa’e kan gaffatu ta’uu hoggansifi caasaan sadarkaan jiru beekuu qaba.
Akka Waliigalaatti
Sakkatta’iinsa kanaan, gama tokkoon, magaalli sochooftuu dinagdee ta’uu hubannoo waliigalaa kan umne yoota’u, gama birootin adeemsi magaalomsuu hordofne tooftaalee misoomaa hammataa akkasumas ummata baadiyyaafi magaalaa walqixa fayyadaniin kan hinmasakamne waan turaniif carraa dilbii magaalomsuun umu guutummaatti osoo hinfayyadamin hafuu hubaneerra.
Kanaafuu, adeemsa dabaa kana qabatamaan meelchuu yoofeene, gama tokkoon, hundeeffamni, adeemsi dhufaatifi haalli ammee magaalota keenyaa rakkoolee sirnaawaa dachaan kan guutaman ta’uu hubachuu, gama birootin hammatoo Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa, beekumsa ammayyaa, qindoomina qilleensa hingalchineefi kutannoo hinreeqqifne irratti hundaa’un beeksisuufi hojiitti hiikuun dhimma filannoo hinqabnedha.
Hammata Tarsiima’aa
Maagaalaan sochooftuu/mootora guddinaa ta’uu fudhachuu;
Haalli magaalummaa ture jijjiirama murteessa kan barbaadu
ta’uu;
Kallattii imaammataafi invastimantii mootummaa sirreessuun
murteessaa ta’uu;
Lakkoofsa ummata magaalaa dabalaa jiru akka carraatti
fudhachuun misooma saffisiisuu;
Magaalota egereef ta’an hundeessuun carraawwan egereef
qopheessuu; kan jedhaman ajandaa hoggansa sadarkaan jiruu ta’uu qabu.
Kaayyoowwan Hammatichaa
Qaamoleen dinagdee karoorsan dhimmoota magaalaa akka roga qabsiisan gargaaruu akkasumas qindoomina karoora iddoomaa (spatial) fi dinagdeetiif bu’uura gaarii kaa’uu;
Seenessa magaalaa marii imaammataatiin qajeelchuufi dhimmoota magaalaa duraa duuba qabsiisuuf gargaaran baasuu;
Gaaffilee shoora magaalonni guddina dinagdeefi hawwattummaa keessatti qabaniin walqabatee ka’uuf gochaan deebii itti kennuu;
Invastimantii bu’uuraalee misooma magaalaa dhiibbaa isaan oomishtummaafi mijatummaa jireenyaa irratti qabaniin agarsiisuudha.
Utubaalee Hammatichaa
Wabii nyaataa mirkaneessuu;
Ogummaa dagaagsuu;
Dhaweessummaa deeggaruufi;
“E-governance”
Guduunfaa
Magaalomsuun meeshaa cimaa guddina siyaas-dinagdeefi hawaasummaa ta’us, fayidaa baldhaa argamsiisu irraa qooddachuuf ofeeggannoon hoogganamuu qaba.
Ardiileen/biyyoonni adda addaa adeemsa magaalomsuu, tooftaalee garaagaraan masakaniiru; Adeemsi isaanis ibsama amalaa garaagaraas horateera.
Inni keenya adeemsa kanneennin dhimmoota qooddatuufi hinqooddanne qaba. Magaalomsuu keenya, sababoota seenaa hundeeffamaa, adeemsa dhufaatifi ammee isaanii irraa maddaniin kan ka’e motora guddinaa taasisuu hindandeenye.
Kanaaf, yeroon invastimantii tarsiima’aa humnoota omishaa, bu’uuraalee misoomaafi haala dandeessisoo umuu irratti taasisnuun Imala Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa itti jalqabnu amma ta’uu, hoggansifi caasaan mootummaa keenya sadarkaan jiruu hubatee socho’uu qaba.
Bu’uuruma kanaan, yeroo ittaanutti, haala dandeessisoo magaalomsuu umuu, lafa magaalomsuufi nama magaalomsuu irratti hammatoo haaraa kanaan maal maal hojjechuu akka qabnu kan ilaallu ta’a.”Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa