Sagantaan Waloo Kadhannaa Soomaa Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Sagantaan Waloo Kadhannaa Soomaa Ramadaanaa fi Sooma Faasikaa Mooraa Waajjiraa Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Finfinneetti gaggeeffame.

Saganticharratti Aadde Adaanech Abeebeen haasawaa taasisaniin sagantaan kadhaannichaa Soomnii Ramadaanaa fi Soomnii Faasikaa tibbaa tokkichaa ta’uun akkasumas guyyaa bu’uurrii jijjiiramaa kaa’ame Bitootessa 24 ta’uun adda ta’uu ibsan.

Ityoophiyaanonni duudhaa waloo qabnu caalmaan cimsuun dhaabbileen amantaa waa’ee nageenyaa cimsanii akka hojjetan gaafataniiru.

Akka biyyaattis wantoota adda nuu fageessanirra wantoonni tokko nu taasisan waan caalaniif maaddiin waloo kun qophaa’ee jedhaniiru.

Saganticharratti Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmotaa Islaamummaa Ityoophiyaa Shaeek Haaji Ibraahiim Tufaa dabalatee hordoftoonni amantaalee Kiristaanaa fi Islaamaa akkasumas qondaaltonni mootummaa biroon hirmaachuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment