Sagantaan waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii biyyoolessaa waggaa 5 ifoome

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Sagantaa waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii biyyoolessaa waggaa 5tin aanaalee baadiyyaa 307, magaalota xixiqqaa 55 fi jiddugaleessaa 8; waliigalaan magaalota 67tti hojjechuuf karoorfameera.
 
Mariin sagantichaa raawwii marsaa jalqabaa fi lammaffaa; raawwii karoora bara 2012 fi karoora 2013rratti gaggeeffameera.
 
Raawwii bara 2012 fi karoora bara 2013 kan dhiyeessan ministir deettaa damee bishaanii fi saaniteeshinii Ministeera Bishaan, Jallisii Inarjiitti Dooktar Nagaash Waageeshoti.
 
Marsaa jalqabaa sagantichaatin Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 38.7 aanaalee baadiyyaa 382tti ijaarsii fi haaromsi kuusaa bishaanii 17,335 hojjetameera.
 
Dabalataan manneen tajaajila qulqullinaa miiliyoona 1.9 ijaarsisuun hawaasa fayyadamoo taasisuun danda’ameera.
 
Manneen barnootaatti tajaajila bishaanii 1756 ijaarsisuun kan danda’ame yoo ta’u, manneen qulqullinaammoo 3440 hojjechuun danda’ameera.
 
Buufataalee fayyaatti dhaabbilee bishaanii 1920, manneen qulqullinaa 3108 ijaarsisuun danda’ameera.
 
Marsaa lammaffaan sagantichaa waggaa tokko dura kan ifoome yoo ta’u, hanga Adoolessa 2024tti hojiirra kan oolu jedhameera.
 
Sagantaan kun Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii, Ministeera Fayyaa, Ministeera Barnootaa, Ministeera Maallaqaa, dhaabbilee tumsaa mootummaa fi miti mootummaa kan hammatedha.
 
Marii sagantichaarratti ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan argamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment