Sagantaan sosochii ‘Magaalota Qulqulluu ol ka’iinsa Itiyoophiyaaf’ jedhu magaalaa Hawaasaatti eegale

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Sagantaan sosochii ‘Magaalota Qulqulluu ol ka’iinsa Itiyoophiyaaf’ jedhu har’a magaalaa Hawaasaatti eegaleera.

Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoo fi Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar saganticha eegalchiisaniiru.

‘Naannawaa keenya qulqulleessuun ol ka’iinsa biyya keenyaa ni mirkaneessina’ jedhan Obbo Dastaan saganticharratti.

Magaalaa Hawaasaa jireenyaa fi Invastimantiif mijattuu taasiisuuf manneen Fincaanii sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruu fi kunuunsuun guddina Itiyoophiyaa ni mirkaneessina jedhan.

Magaalaa Hawaasaa caalmaatti miidhagsuu fi naannawaa ishee hawwattuu taasiisuuf manneen Fincaanii sadarkaa isaanii eeggattan ijaaruun barbaachisaa ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar eeraniiru.

Obbo Aganyahu Tashaagar sagantichaaf dhuunfaa isaaniin Birrii kuma 10 gumaachuun, maqaa mana marichaan ammoo Birrii kuma 100 waadaa galaniiru.

Saganticharratti kan waadaa galame dabalatee Birrii miiliyoona 43 walitti qabuun danda’amuu ragaan Seekreetaariyaat Preesii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment