Sagantaan sosochii Dhaabbilee Misoomaa naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Sagantaan sosochii Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bakka Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Sagantichi mata duree ‘Dhaabbilee Misoomaa Dorgomaafi bu’a qabeessa ta’an Badhaadhina keenyaaf’ jedhuun Hoteela ‘skylight’itti gaggeefamaa jira.
Mariin dhimma dhaabbilee misoomaa naannoo Oromiyaa irratti xiyyeeffate ni gaggeeffama,Akka naannoo Oromiyaattis hojiiwwan tajaajila hawaasaaf kennan sadarkaa maalii irra jiru kan jedhus ni gamaggamama.
Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhuma irratti hojiiwwan Dhaabbilee misoomaa naannoo Oromiyaatiin hojjetamaa jiran gamaaggamuun kallattii fuula duraas ni kaa’u.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
YadesaNaannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment