Sagantaan sosochii biqiltuu haa kunuunsinu,aramaa haa buqqisnu jedhu akka Oromiyaatti magaalaa Adaamaatti eegalame

Finfinnee, Muddee 3, 2013 (FBC) – Sagantaan sosochii biqiltuu haa kunuunsinu,aramaa haa buqqisnu jedhu akka Oromiyaatti magaalaa Adaamaatti eegalame.
Sagantaan sosochii biqiltuu ganna darbe dhaabame waqtii bonaa kunuunsuu guyyaa har’aa akka guutuu oromiyaatti dhaadannoo biqiltuu haa kunuunsinu,aramaa haa buqqisnu jedhuun Adaamaa gaara Bokkuutti eegalameera.
Sagantichi qindoomina Biiroo dhimma dubartoota,daa’immanii fi dargaggoota Oromiyaa fi jaarmiyaalee dargaggootaa fi dubartoota Oromiyaan kan qophaa’e yoo tahu dargaggoonni magaalaa Adaamaa lakkoofsaan hedduu tahan hojii biqiltuu kunuunsuu kana keessatti qooda irraa eegamu ba’aniiru.
Hojii biqiltuu kunuunsuu Adaamaa gaara Bokkuutti adeemsifame kanarratti kan argaman kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee biqiltuun faayidaa barbaadamu akka kennuuf dargaggoonni fi dubartoonni kutaalee hawaasaa keessaa gahee guddaa qabdu jechuun imaanaa gudunfaniiru.
Hoggantuun Biiroo dhimma dubartoota,daa’immanii fi dubartoota Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan dargaggoota dachee oromiyaa hojii biqiltuu haa kunuunsinu,aramaa haa buqqisnu jedhu kana keessatti shoora irraa eegamu ba’atan galateeffachuun,qaamolee sochii jireenya hawaasummaa ummataatti gufuu tahuf oli fi gadi jedhanirratti qabsaa’un dargaggoonni akkuma aramaa buqqisan of-keessaa buqqisuun daandii ida’amu akka qabatan hubachiisaniiru.
Dabalataan aadde Sa’aadaan sosochiin biqiltuu kunuunsuu akka guutuu Oromiyaatti adeemsifame kun dargaggoota lakkoofsaan miliyoona 3 hirmaachisuun biqiltuun miliyoonni 2 akka kunuunsa argatu taasisuu cinaatti dargaggoota fi hawaasa hojicha keessatti qooda fudhateen dhiigni yuunitiin 3700 ol-akka guutuu Oromiyaatti arjoomamu kaasuun hojichi itti fufa jedhaniru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment