Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC)- Sagantaan sona seenaa, aadaa fi qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan qabdu tuuristoota Ameerikaatti beeksisuu Waashingitan DC’tti gaggeeffameera.
Kaayyoon sagantichaas Itiyoophiyaan damee tuuriizimiin bakkeewwan hawwataa qabdu daawwattoota fi lammiilee biyya alaaf beeksisuuf akka ta’e eerameera.
Saganticharratti Dursaan Ittaanaa Misiyoonaa Embaasii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Zalaalam Birhaan, Itiyoophiyaan hambaa lafee dhala namaa, qaroomina durii, dhaha, buna, hambaalee UNESCO’tti galmaa’anii fi kanneen biroo akka qabdu dubbataniiru.
Ertaallee, kunuunsa qabeenya umamaa Koonsoo, bineensotaa fi simbirroota Itiyoophiyaa qofaatti argaman kan qabdu ta’uu fi mallattoo injifannoo ummatootaa gurraachaa seenaa Adwaa kan qabdu ta’uu eeraniiru.
Haaluma kanaan qabeenya tuuriizimii qabdu akka daawwatamuu fi abbootiin qabeenyaa invastimantii damicharratti akka boba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.
Hirmaatonni sagantichaas Itiyoophiyaan bakkeewwan hawwataa fi qabeenyaa tuuriizimii hedduu kan qabdu ta’uu fi kana beekuu fis sagantichi carraa uumuufii kaasan.
Fuuldurattis gara Itiyoophiyaa dhufuun daawwannaa taasisuuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia