Sagantaan shaakala hojii gurmaa’insa dargaggootaa dargaggoota kuma 70 hojii waliin walquunnamsiisa- Obbo Nigusuu Xilaahuun

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Sagantaan shaakala hojii gurmaa’insa dargaggootaa dargaggoota magaalota 11 kuma 70 hojii waliin kan walquunnamsiisu ta’uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksise.

Sagantichaan magaalaa Finfinneetti dargaggoota kuma 49 fayyadamoo taasisuuf karoorfamuu fi karooricha milkeessuuf ga’een gurmaa’iinsa dargaggootaa olaanaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilaahuun eeraniiru.

Sagantichi dargaggoota magaalota 11 kuma 70 hojii waliin kan walquunnamsiisu ta’uu kaasaniiru.

Gurmaa’iinsi dargaggootaa kunneen dargaggoota sababa garaagaraan barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa fi isaa gaditti addaan kutan, umriin isaanii waggaa 18-25 ta’ee fi rakkoof saaxilaman filuu fi dhaabbilee itti shaakalan qopheessuuf dirqama qabaachuu eeraniiru.

Magaalaa Finfinneetti marsaa jalqabaan dargaggoota kuma 21 galmeesuun leenjisuufi kanneen keessaa kuma 10 fi 500 shaakala hojiif haalota mijatoo uumuuf karoora qabaachuu ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment