Sagantaan Nyaata Barsiisootaa barnootaaf caalmaatti xiyyeeffannoo akka kenninu nu taasise – Barsiisota

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC) –Magaalaa Shaggaritti Manneen Barnootaa Bu’ura Boruu eegalee hanga sadarkaa 2ffaatti Sagantaan Nyaata Barsiisootaa hojiirra ooleera.

Sagantaan kun eegaluun barnoota qofaaf xiyyeeffannoo akka kenninu nu taasiseera jedhan Barsiisonni manneen barnootaa magaalaa Shaggar keessatti barsiisan.

Sagantaan nyaata barsiisotaa eegaluun tasgabbiin adeemsa baruu fi barsiisuu akka gaggeessinu nu gargaareera jedhan.

Hariiroo barattootaa fi hawaasa mana barumsaa waliin qabnu caalmaatti cimseera jedhan barsiisonni Mana Barumsa Bu’ura Boruu Kusaayee fi Anfoo sadarkaa 1ffaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo turtii Dijital Miidiyaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisaniin.

Sagantichi barsiisonni barnootarratti qofa akka xiyyeeffatan taasiisuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahataa waan jiruuf itti gammanneera jedhan.

Sagantichi caalmaatti babal’achuu fi jajjabeeffamuu akka qabu dubbataniiru.

Sagantaa nyaataa barattootaa fi barsiisootaa dabalatee meeshaalee barnootaa fi galteewwaan biroo guutuun barattoonni yaaddoo malee barnoota isaanii akka hordofan taasiifamaa jiraachuu Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Obbo Mahammad Kadir ibsaniiru.

Kunis qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahataa jira jedhan.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuun dhaloota dorgommaa fi ga’umsa qabu horachuuf Inisheetiiviiwwan adda addaa hojiirra oolaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun dubbataniiru.

Inisheetiwwan hojiirra oolaa jiran keessaa sagantaan nyaata barattootaa fi Barsiisootaa isa tokko ta’uu kaasuun, yeroo ammaa magaalichatti manneen barnootaa 268 keessatti barattoonni kumni 100 fi kumni 51 fi 900 fayyadamoo sagantaa nyaataa ta’uu eeraniiru.

Manneen barnootaa Bu’ura Boruu hanga sadarkaa 2ffaatti jiran hunda keessatti barsiisoota kuma 5 fi 287’f nyaanni dhiyaachaa jiraachuu Obbo Firakiyyaan himaniiru.

Sagantaan kun tarkaanfii haaraa mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf fudhateedha jedhu.

Kaayyoon sagantaa Nyaata Barsiisotaa inni guddaan qulqullina barnootaarratti jijjiirama fiduu ta’uu ibsan.

Sagantaan nyaata barsiisotaa gaaffii faayidaa fi jireenya barsiisaa jijjiiruun kan walqabatu miti jedhan.

Inisheetiiviin addaa nyaata madaallawaa manneen barnootaa tokko tokko keessatti eegaluus himaniiru.

Sagantaan nyaataa manneen barnootaa kun Carraa hojii bal’aa fi Walitti hidhamiinsa gabaa uumuu isaas Obbo Firakiyyaan dubbataniiru.

Manneen barnootaa keessatti nyaata barsiisotaaf dhiyeessuun biyyoota adda addaa keessatti hojiirra oolaa kan ture ta’uu ragaaleen ni agarsiisu.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment