Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa Itiyoophiyaatti taasisu akka eegalu gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC)- Sagantaan Nyaataa Addunyaa Dhiyeessii deeggarsa nyaataa Itiyoophiyaatti taasisuu hojii qaqqabsiisuu akka jalqabu Ambaasaaddar Dammituu Hambisaan gaafatan.

Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaa Daayrektara Ittaanaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa Kaarli Sakku waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Sagantaan Nyaataa Addunyaa Itiyoophiyaatti sababa balaa namtolchee fi umamaan kutaalee hawaasaa deeggarsi namoomaa barbaachisuuf dhiyeessi taasisu akka eegalu murtee dabarsuu dinqisiifataniiru.

Dabalataanis, deeggarsicha qaqqabsiisuuf sochii akka eegalu gaafachuu ragaan embaasicharraa ragame ni mul’isa.

Mootummaan Itiyoophiyaa sochii deeggarsa namoomaa dhaabbatichi taasisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Dhaabbatichi pirojektoota misoomaa jireenya lammiilee naannawaa garaagaraarraa buqqa’an haala idileen dandamachiisuuf, pirojektoota itti fufsiisuuf xiyyeeffannaa akka kennu gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment