Sagantaan Misooma Qonna Qindaa’aa Ikkoo-Turiiziimii Wancii-Dandii labsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2015 (FBC)- Biiroon Qonnaa Oromiyaa Sagantaa Misooma qonna qindaawaa Ikkoo tuurizimii haroo Wanchii-Dandii labse.

Sagantaan Misooma Qindaa’aa Ikkoo-Turiiziimii Wancii Dandii bakka qooda fudhatoonni Godina Shawaa Kibba Lixaafi Shawaa Lixaa akkasumas hoggantoonni misooma baadiyyaa argamanitti Magaalaa Walisootti jalqabsiifameera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun, qonnii fi tuuriizimiin gargar bahee hin ilaalamu; inisheetiivii turiiziimii Muummee Ministiraa Abiyyi Ahimediin eegalamuun Hara Wancii irratti hawaasa dammaqsuun misoomni tuurizimii hojjatamaa jira.

Caalmaatti Turiiziimii Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa milkeessuuf haala mijataa uumamni badhaasee Ikkoo-Turiiziimiin cimsuuf qooda fudhatootarraa gahee guddaatu eegama jedhan.

Ganna kana biqiltuuwwaan garaagaraa dhaabuun caalatti hawataa taasisuuf ummataa fi ogeeyyii misoomaa irraa gahee olaanaatu eegamaa jechuu isaanii ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment